ÃäæÇÚ ÇáÇÍÑÇã
gosa
hidhanna’aa
Wanni hidhatan kun
karaa afurirraa karaa , tokkoon tayuu ni dandaya
.
ÇáÇÝÑÇÏ
kophxeessu
1
Waan hidhatu
kophaa godhee hidhatuu hajjii qofa, yookaa umraa
qofa hidhatuu
ÇáÞÑÇä
qindeessuu
2
Waan hidhatu , waa lama walitti qindeessee
hidhatuu hajji`iifii umraa walitti qabee hidhatu
ÇáÊãÊÚ
qanani’uu
3
– Waan
hidhatu karaa itti qanani`uutin hidhatuu sun
baatii hajji`ii keessa umraa hidhatee dalagee
irraa raw`atee , eegasii hajjii hidhatuu
ÇáÇØáÇÞ
gad dhiisuu
4 –
Karaa waan kanan dalaga , hin jenneen hidhatuu
kan hajjiidhan dalaga hin janne
1
Karaan duraa
afaan arabatti{ifraada } je`ama kophxeessuu
je`amaa sun baatii hajji`ii keessa bakka irraa
hidhatan,kan karaa isaa keessa jirurrraa hajjii
hidhatee eega dalagee fixee haraam makkarraa gad
bayee umraa hidhatuu .
2
Ammoo karaan lammeyso`oo afaan arabatti{ qiraan
} je`ama walitti qindeessuu je`amaa sun hajji`ii
umraa walitti qabee hidhatuu hajjidhafii umra`an
walitti qabee Rabbiif hojjadha je`ee duuba
dalaguma hajji`ii qofa dalagu`uun umraan jalaan
argamti
Odoo baatii
hajji`ii keessa umraa qofa hidhatee,duuba
odoo waa takka umra`arraa hin dalagin,
hajjii gubba`aan hidhatee hidhatiinsi isaa
fayyaa taya .haa tayuu nama haji`iifii,
umraa walitti qindeesse taya ammoo odoo
hajjii hidhatee, odoo dalagaa hajji`itti hin
seenin ,umraaa gubba`aan hidhatee
hidhatiinsi isaa fayya hin tayu
.
Ammoo karaan
sadeessa`aa afaan arabatti {tamattukga}
je`ama ittiin qanani`uu je`an sun umraa
bakka bitti isaa irraa hidhaturraa hidhatee
baatii hajji`ii makka seenee xawaafee sa`yii
godhee , mataa haaddatee, takkaa
ciratee,umraa fixatee, hiikkatee makka
keessa taa`ee, waan hoggaa umraa hidhate
irraa dhoowwame hunda dalagee qanani`a silaa
hajji`iin odo seenee hanga hajji`irraa
raaw`atu waan irraa dhoowwame san hunda,
dalaguu hin qabuu ni rakkata keessattuu ,
yoo yaroon dheeratte jalqaba shawwaal faa
seenee ammoo yoo umra`aan seene hanga saa`aa
takkatti ifirraa fixeeti , hanga arafaa
bayuun geessee, hajjii hidhatuu , makka
taa`ee waan hogga hidhate irraa dhoowwame
hundaan qanani`a tanaaf maqaa { qanani`ii }
baasaniif .
4Ammoo
karaan afreesso`oo afaan arabatti{ ixlaaq
je`ama, niyya gad dhiisuu je`ama kan
hajji`iifii, umra`arraa tokkottillee hin
hiine sun akka hidhe takkaa niyyadhe }
jechu`uutii kan hajjidhan hidhe,takkaa
umraadhan hidhe hin jenne takkaa hajji`iifii
umra`an waliin hidhe hin jenne duuba
hidhannaan isaa,tan akkanatti hidhate tun
yoo baatii hijjiidhaa keessa taate sun
shawwaalifii zilqi`da`aafii kurnan duraa,kan
zilhijja`aatii hidhannaa isaa waan fedhetti
qabuu dandaya hajjii je`ee yookaa umraa
je`ee yookaa isaan lachuun waliin dalaga
je`ee tokko keessaa qabatuu ni dandaya haa
tayuu odoo tokko keessaa hin qabanne, waa
takka dalaguu hin dandayu ammoo yoo
hidhannaan inni akkasitti hidhate baatii
hajji`ii dura taate, hidhannaan sun
umra`arraa buuti.
Karaa
afaran,hidhannaan argamtuun kana kan irraa
caalu, karaa duraati sun hajii kophaa dura
godhanii eega hajji`irraa raaw`atanii, umraa
hidhatanii dalaguu .
Kan itti aanu
hidhanna qanani`iiti { tamatukga} Sun umraa
miiqaatarraa hidhatanii umra`aan makka
seenanii dalaganii fixanii umra`arraa
hiikatanii, eegasii hajjii hidhatuu .
Kan itti aanu
hajji`iifii umraa walitti qindeessanii
hidhatuu hajjii kophaa hidhatuun irra caalun
nama nama arga hajji`irraa raw`ate ,
zulhijjaa keessa umraa hidhatee ,dalaguufi.
Ammoo nama eega hajjii godhee umraa baatii
arafa`aa keessa hin finneef , walitti
qindeessu`uutu takkaa tamattu`aatu irra
caala .
Hoggaa
hidhatan hajjiidhan dalaga yookaa umraadhan
dalaga je`anii maqaa dhawu`uutu ,hoggaa
hidhatan waan dalagu`uu deeman maqaa dhawuu
dhiisanii eegasi maqaa dhawu`urra caala .
Nama
hajji`iifii umraa walitti qabee hidhateefii,
nama baatii hajji`ii keessa umraa godhee ,irraa
hiikkatee eegasii makkarraa hajjii
hidhaterratti re`ee sharxii guuttatte
qalu`uutu jira re`ettii takkittii takkaa
gala , takkaa horii , nama torbaan walitti
qalu`uutu irra jira ammo yoo waan qalu dhabe
guyyaa kudhan soomanu`uutu irra jira kurnan
sanirraa sadii,odoo arafaa hin dhaabbanne
soomana ammoo torba Dhiiyni nama{
tamattukga}godherratti jiraa eega biyya
isatti deebi`ee soomana . tun nama umraa
miiqaatarraa hidhatee, dalagee eegasii
makkarraa hajjii hidhaterratti jiraatun
sharxii afuriini: Bakka bitti isaa hajjii
irraa hidhattutti deebi`ee,achirraa hajjii
hidhatuu dhabuu yoo bakka hajjii makkarraa
hidhatu miiqaata isatti deebi`ee achirraa
hidhate dhiiyni irra kufe .
1
Umraa
san hidhatuun baatii hajji`ii keessa yoo taate
2
Yoo
hajjii amatuma umraa godhe san hidhate yoo amata
san hajjii makkarraa hin hidhatin dhiiyni
isarratti hin jirru
3
Warra
ollaa makkaa , warra haramatti dhiyaatu tayuu
dhabuu warri haramaa warra kiiloo mitrii
saddeettamii lamaafii cinaa haramaraa hin
fagaanne warri kanaa gadii ollaa haramaati
je`amaa dhiiyni isaanirra hin jiru .
Namni hajji`iifii
umraa wara walitti qabee dalagerratti dhiiyni
jiraatun,yookaa dhiigan yakamuun sharxii
lamaanii
1-
Eega
makka seenee, bakka bitti isaa irraa hajjii
hidhattutti deebi`uu dhabuu
2-
Warra
harama makkaa tayuu dhabu yoo ollaa haramaa taye
dhiiyni irran jiru .
|